Kiing Kaawuntii keessa jiraattan
Teesson keessan daangaawwan Kiing Kaawuntii keessa jiraachuu mirkaneessuf Kaartaa kana fayyadamaa.
Jalqaba Haalan Garii Daa’imaniif daa’imman Kiing Kaawuntii keessatti dhalatan ykn guddatan akka nama guddaa gammachuun, fayyaadhan, nagaan fi dagaaginaan qaqqabaniif kaka’uumsa sagalee-kennitoota Kiing Kaawuntiitin raggaasifame dha. 2022 keessa jalqabee, investimantoonni kun sagantaa gargaarsa daa’imaa haaraa ~$20 miliyoonaa dabalata!
Maatin keessan Gargaarsa Kunuunsa Daa’imaa Jalqaba Haalan Gaarii Ijoollef ulaagaa ni guutu yoo isin:
Teesson keessan daangaawwan Kiing Kaawuntii keessa jiraachuu mirkaneessuf Kaartaa kana fayyadamaa.
Galiin maatii ji’aa qaraxa-duraa daangaa baay’ina maatii keessaniitii gadi ta’uu qaba. Gabatee Galii ilaalaa.
Yoo WCCCf ulaagaa guuttan, jalqaba isaaf akka iyyattan gaafatamtu.
Daa’ima ykn daa’imman umri 12 ykn gadii qabaachuu.
Dhiyeessitoonni kunuunsa daa’imaa eeyyama qabaachuu qabu akkasumas Isteeta Waashingtan wajjin haala seera qabeessa irra jiraachu qabu. Haala eeyyama dhiyeessaa keesanii asitti ilaaluu ni dandeessu: https://www.findchildcarewa.org/
2
$5,158
3
$6,372
4
$7,585
5
$8,799
6
$10,012
7
$10,240
8
$10,468
9
$10,695
10
$10,923
Odeeffannoo waa’ee maatii lakkoofsa guddaatif, maaloo bibilaa ykn teeksti godhaa (206) 208-6865 ykn imeeli godhaa: support@bskchildcare.org
Yoo ulaagaa guuttan fi kuusa filannoo tti makamtan addaan baasuf, ukna ulaagaa guutuu daqiiqaa-5 xururaa. Maaloo yaadadhaa: tarkaanfiin kun gargaarsa maallaqaa kunuunsa daa’imaa argachuu hin mirkaneessu.
Yoo iyyannoo guutuu akka xumuurtan filatamtan, anga dhuma Fulbaanatti isin qunnamna. Kan nuti tajaajiluu dandeenyu caalaa maatiiwwan ulaagaa guutan jiraachuu malu.
Iyyannoo guutuu xumuuruu fi sanada eenyummaa, galii, fi teessoo mirkaneessuu.
Kafaltiileen fudhachuuf dhiyeessaa kunuunsaa daa’ima keessanii addaan baasaa akkasumas galmeessaa.
Deebii saffisaan argachuuf, teekstii nuu ergaa, anga danda’ametti isiniif ni deebisna! (kafaltiin ergaa fi daataa jiraachuu mala)
Gareedhaf gaafiiwwan keessan ykn ibsa gabaabaa dhimma keessanii imeelii godhaa; anga danda’ametti saffisaan isiniif ni deebisna!
Yoo gaafiiwwan qabaattan, gargaarsa iyyannoo eessaa argachuu akka dandeessan beekuu yoo barbaaddan, ykn gaafiiwwan kafaltii qabaattan, garee keenyaf bilbilaa.
Gargaarsa Kunuunsa Daa’imaaa Jalqaba Haalan Gaarii Ijoollef fi sagantaa Kunuunsa Daa’imaa Hidhannoowwan Hojjachuu Isteeticha (WCCC) lachuufuu ulaagaa guutuu keessan ilaaluf Scholar Fundiin odeeffannoo sassaabaa jira.
Yoo WCCC dhaaf ulaagaa guuttan, Gargaarsa Jalqaba Haalan Gaarii argachu hin dandeessan. Odeeffannoon kun tokko tokko kan keessa namaa xuqan ta’uu ni hubanna; kanaaf yeroo dan’a'ametti gaafiiwwan kana filannoo taasifne. Bakkee odeeffannoon keessan gonkumaa Kiing Kaawuntii ykn dhaabbilee mootummaa biroo maqaa keessaniin walitti hidhannoo qaban waliin hin qoodamnetti gaafiiwwan addaan baafna.
Jalqaba Haalan Gaarii (Best Starts) maatiiwwan kunuunsa daa’imaa qaqqabuudhaf gufuuwwan irra caalan mudateef qaqqabiinsa baldhisuuf kutataa dha. Gaafiiwwan tokko tokko eenyuu gargaarsa kunuunsa daa’imaniitin akka tajaajilaa jirru gaarin hubachuuf nu gargaaru.
Waa’ee imaamata iciitii dhuunfaa keenyaa odeeffannoo dabalataatif, ilaalaa: Privacy Policy (scholarfundwa.org)
Gargaarsa Kunuunsa Daa’imaaa Jalqaba Haalan Gaarii Ijoollef sochiin barbaadamu hin jiru. Waa’ee sochiiwwan keessanii kan gaafanuuf Walitti-hidhannoo Hojii (Working Connections) dhaf ulaagaa guutuu maatii keessanii gammagamuuf. Yoo maatin keessan Walitti-hidhannoo Hojii dhaf ulaagaa guute, gargaarsa sana fayyadamuu qabdu.
Lakki. Iyyachuuf ulaagan lammummaa ykn jiraataa seeraa hin jiru.
Maatiiwwan armaan gadii, warri ulaagaa biroo barbaadaman guutan, akka iyyatan jajjabeeffamu:
Eeyyee. Iyyattoonni ulaagaa guutan mana jireenyaa dhaabbataa hin qabne akka iyyatan ni jajjabeeffamu. Maatin keessan Kiing Kaawuntii keessa jiraachuu isaanii mirkaneeffachuuf karaawwan biroo ni kennina.
Eeyyee. Waan warreen SSI fi SSDI fudhatan Gargaarsa Kunuunsa Daa’imaa Hidhannoowwan Hojjachuu Isteeta Waashingtan (WCCC), Gargaarsa Kunuunsa Daa’imaaa Jalqaba Haalan Gaarii Ijoollef ulaagaa ni guuttu, yoo maatin keessan ulaagaaleen biroo maraa kan guutan ta’e.
Kaayyoowwan sagantaa kanaaf, “maatin” keessan namoota armaan gadiiti dabalata:
Kaayyoowwan sagantaa kanaaf, namoonni armaan gadii lakkoofsa maatii keessanii keessatti hin lakaawaman:
Warri/guddisaan hunduu maatii isanitiif iyyannoo qoba qobaa galchuu qabu.
Galiin keessan ji’aa walii galaa galii hunda dabalata, hir’isamtoota ykn baasiiwwan kamuu dura, isin fi nama ga’eessa biroo tokko isin wajjin jiraatu fi ibsawwan armaan gadii keessa tookko guutun argame – abbaa/aadha warraa, Nama mana keessa waliin akka hiriyaa saalatti jiraattan, ykn Jalaallee keessan daa’ima waliin qabdan. Maaloo galii kamuu hir’ina qaamaa, inshuraansii hojii-dhabdootaa, gargaarsa daa’imaa, gargaarsaa jaarsa/jaartii duraa irraa kkf dabalaa.
Waan kun sagantaa haarawaa ta’eef, maatiiwwan meeqa akka iyyatan ammatti hin beeknu. Unka ulaagaa guutuu gachuun maallaqa gargaarsa kunuunsa da’imanii keessan HIN mirekaneessu. Gargaarsa maallaqaa tajaajiluuf qabnu caalaa maatiwwan fedgii qaban jiraachuu malu. Dhuma Fulbaana 2022 tti yoo filatamtan akka iyyannoo guutuu xumuurtaniif teekstii ykn imeelin isin qunnamna.
Adeemsi filannoo dura-dhufaan, dura-tajaajilamaa MITI. Dhuma Fulbaanatti filannooleen gochuuf sirna lotarii fayyadamna. Iyyatoonni ulaagaa guutan marsaa jalqabaatti hin filatamin, kuusaa filannoo keessa turu, fi akkuma bakkeen argameen, filatamuuf hireewwan yeroo yeroon ni qabu.
Maatiiwwan marsaa jalqabaa keessa filataman gargaarsa Sadaasa 1ffaa jalqabuu danda’u argachuu malu. Otoo gargaarsichi hin jalqabin kunuunsa da’imaniitif hin kafallu. Yoo kunuunsa Sadaasa 1ffaa dura fayyadamtan, isaaf kafaluun dirqama keessan.
Gargaarsi maatii filatamee waantoota baay’ee dhaan herreegama, umri daa’ima kunuunsa barbaaduu, galii maatii fi lakkoofsa maatii dabalatee. Waanti daa’ima tokkoof kafalamu saganticha keessatti guutudhaani galmaa’uf erga isaani filatamanii qoodama.
Scholar Fundiin maallaqa murtaa’e kallatiin dhiyeessaa kunuunsaa daa’imaatif baatidhaan kafala. Baasin Gargaarsa Jalqaba Haalna Gaariidhan hin haguugamin dirqama maatichaati.
Iyyattoonni ulaagaa guutan gargaarsichaaf iyyannoo akka guutan hin affeeramin sirrichuma kuusaa filannoo keenya keessatti ambifamu. Bakkeewwan yeroon booda banamaa akka dhufan ni tilmaamna; kanaafuu, erga unka ulaagaa guutuu guutanii ji’oota booda carraan filatamuu ni mala. Yoo filatamuu baattan, baasii kunuunsa daa’imaatin isin gargaaruu danda’an tarree maddeen gargaarsa biroo isiniif ergina.
206-208-6865 irratti teekstii nu ghodaa ykn bilbilaa; namni tokko bilbilaan iyyannoo guutudhaan isin gargaara.
Yoo maatin keessan dogoggoraan unkaaleen fedhii baay’ee galche, Scholar Fundiin (Scholarship Junkies) maatii tokkoon akka iyyannoowwan baay’een galfaman addaan baasuu ni danda’a. Filannoo keessa hin baafamtan.
Odeeffannoo dhuunfaa unka fedhii keessatti galchitan sassaabuf dhaabbata bu’aafi hin dalagne Scholar Fund itti gaafatamummaa qaba. Odeeffannoon akkanaa isin dhiyeessitan akka iciitiitti ilaalama fi akkasumatti tikfama. Odeeffannoon isin dhiyeessitan keessani, akkasumas yeroo kamuu odeeffannoo akkasii sirreefama gochuu ni dandeessu.
Waa’ee Imaamata Iciitii Dhuunfaa Scholar Fund asitti dabalataan baruu ni dandeessu (Ingiliffa qofaan).
Qaqqabiinsa eeyyama hin qabne dhoorkuu gargaaruu, sirrina odeeffannoo eeguu, fi odeeffannoo dhuunfaa sirriidhan fayyadamuu mirkaneessuu dabalatee odeeffannoo dhuunfaa keessanii nageenya tiksuuf Scholar Fundiin akkaataaleen qaamaa, elektiroonikaa, fi to’annaa mija’aa ta’e hojiirra oolcha.
Dabalataan, Scholar Fundiin haalawwan murtaa’an akka Imaammata Iciitii Dhuunfaa Scholar Fund kessatti tarreeffameen ala odeeffannoo dhuunfaa keessanii hin qoodo. Yeroo barbaachisaa ta’e, akka odeeffannoo dhuunfan adda nama baasuu hin daballeef odeeffannoo cuunfamee fi abbaan akka hin beekamne ta’e qoofa qooda Scholar Fundiin. Fakkeenyaf, Scholar Fundiin gabaasa yeroo yeroodhan Sagantaa Gargaarsaa Kunuunsa Daa’imanii Jalqaba Haalan Gaarii Ijoollef galcha, garuu gabaasonni akkanaa koodii ziipii jireenyaa, qabxiiwwan tajaajilaa, fi odeeffannoo waa’ee uummataa dabalatee odeeffannoo keessan sadarkaa-walitti cuunfamee haalaa abbaan hin beekamneen.
Odeeffannoon dhuunfaa kaayyooleen sassaabamaniif guutuuf anga barbaachisu qofaaf tursiifamu, kaayyoon seera qabeessa ta’e odeeffannoon ittiin tursiifamu ni jira (kan akka dirqamaaleen koontraataa ykn eenyummaa mirkaneessuu), ykn ulaagaaleen seeraa ykn qorrannoo tii ajajamuuf.
Waliin dha’iinsa xiqqeessuf iyyannoo irra deebii hambisuuf, Scholar Fundiin karaaleen baay’ee qopheesse iyyatoota gingilchuu fi ilaalee garaagarummaa arguuf, kan adeemsa gadi-fageenyan iyyannoo irra deebi’anii ilaaluu, ergaa hin barbaachifne calaaluu, fi teessoo mirkaneessuu dabalatu. Hojjatoonni Scholar Fund yoo rakkooleen iyyannoo argaman iyyatoota karaa bilbilaa ykn teekstii dhan qunnamuuf ni danda’u.
Michoota hawaasaa maatii kunuunsa daa’immanii akka argatan deeggaran.
INCOME ELIGIBILITY CHART
Size